Monday 18 May 2015


Daa'imni Naatanaan Abush Cuuphaa Qulquluun saba Waaqayyo itt dabalame.


Sagaleen isaa akkuma jedhu, Yesus harak isaa akka isaan irra kaa’uuf namoonni tokko mucoolii gara isaatti in fidani, Bartoonni immo ifatanii isaan dhowwan. Yesus garuu yommuu kana argee aaree, bartoota isaatiin “Lakkisaa, mucooliin gara koo haa dhufani hin dhowwinaa! Mootummaan Waaqayyoo warra akkasiitiif ta’a. Ani dhuguman isisnitti hima, eenyu illee mootummaa Waaqayyoo akka mucaan simattutti kan hin simannee, itti hin galu” akkuma jedhe Cuuphaa Qulqulluu kanaan gara mootummaa Waaqayyootti dhufuun har’a  daa’imnnii   maqan isaa Naatanaan Abush jedhamuu  gaafa 15.06.2014  Cuuphaa Qulquuluun maatii Waaqayyootti dabalame.
Inni saba isaa ba’'yisaa jiruu Waaqayyoon kenyaa maqan isaa haa eebbifamu
-----------------------------------------------------------------------------
Daa'mni Olaantaa Fufaa Cuuphaa Qulqulluun Maatii Waaqayyootti Dabalame


Namnnii akka ittin fayyuufi Waaqayyo tokkicha ilma isaa gara biyya lafaati eerge. Isati kan amanuu akka fayyuu, du'aa gara jireenyaatti akka jijiramee sagaleensaa ni dubata. Kanaafuu gooftaan keenya Yesus Kiritus Wayyee Cuuphaa akkana jedhe dubateera. Gooftummaan hundinuu Waaqa irratti, lafa irrattis anaaf kennameera, egaa dhaqati  Maqaa Abbaatii fi Ilmaatti kan Hafuura Qulqulluuttis isaan cuuphuudhaan, saba hundumaa bartoota koo godhaa!Waan isin abboome hundumaa eeguu isaan barsiisaa! Kunoo ani immoo hamma dhuma baraatti  guyyaa hundumaa isisnii wajjinan jira isaaniin jedhe. 
Kanaafi Cuuphaa Qulqulluu kanaan mucaa maqan isaa Olaanta Fufa April 13.2014 maatii Waaqayyootti dabalameera. Inni saba isaa gara fayyinaatti waamuu maqaan Waaqayyoo ha galateefamu.
------------------------------------------------------

No comments:

Post a Comment